Qubee Afaan Oromoo

Barnoota Qubee Afaan Oromoo fi seera isaa

Qubee:

 Mallattoo sagaleewwanii tahee bakka bu’uudhaan kan dubbatu jechuudha. Akkasumas mallattoo afaan tokko ittiin barreeffamee,namni qunnamtiidhaaf dhiima itti bahu jechuudha. Afaan Oromoo qubee qeenxee digdamii jaha (26) fi cimdii shan (5) qaba. Qubeen Afaan Oromoo akkaataa lamaan barreeffama. Isaanis qubee xixiqqaa fi qubee gurguddaa jedhamuudhaani.

 Qubee Gurguddaa (Ing:capital ) 
A B C D E F G H I
J K L M N O P(ergisa) Q R
S T U Vergisa W X Y Zergisa  

 

Qubee xixiqqaa
a b c d e f g h i
j k l m n o p q r
s t u v w x y z  

Qubeen Afaan Oromoo bakka lamatti(2) qoodamuudhaan ilaalama.

Isaanis: 1-Dubbifama (Eng:consonants) 2-Dubbachiiftuu(Eng:vowels)

1-Dubbifamaa qeenxee (Eng:single consonants)

Qubee Afaan Oromoo keessatti dubbifamaa kan jennuun kan ofii isaatii of dandahee dubbifamuu hindandeenyee fi dubbachiiftuutti irkatuudhaan kan sagalee kennu jechuudha. Isaanis lakkoofsaan digdamii tokko(21) jechuudha. 

Qubee dubbifamaa qeenxee (Eng: single consonants)Qubee Gurguddaa (Eng:capital )fi Xixiqqaa(Eng:small)
Bb Cc Dd Ff Gg Hh Jj Kk  
Ll Mm Nn Pp  Qq Rr Ss Tt Vv
Ww Xx Yy Zz          

 

2-Dubbachiiftuu (Eng:vowel)

 Qubee Afaan Oromoo Keessatti dubbachiiftuu kan jennuun, kan mataa isaatiin of dandahee dubbifamuu dandahuu fi qubee dubbifamaatti ida’amuudhaan akka sagalee kennu kan goosiftuudha. Kanaafuu, waan dubbiftuuf jecha maqaan dubbachiiftuu jedhu itti moggaafame.

 

 Dubbachiiftuu  (Eng: vowels)Xixiqqaa fi gurguddaa
A E I O U
a e i o u

 Qubee cimdii (Eng:double consonant)

Qubee Afaan Oromoo keessatti qubee cimdii kan jennuun dubbifamaa tahee qubee lama kan addaan bahuu hin dandeenye, sagalee biraa kennuudhaaf akka qubee tokkootti itti fayyadamnuu dha.

    Hubadhaa:

 Seera qubee Afaan Oromoo keessatti, qubeeleen cimdii lama walitti aananii hin barreeffaman.

Jabinaa fi laafinni qubee cimdii haasaya keessatti ykn hima keessatti beekuu dandeenna.

Qubee dachaa /cimdii (Eng:double consonants)Gurguddaa
CH DH PH SH NY TS(ergisa) ZH(ergisa) KH(ergisa)  
ch dh ph sh ny ts zh kh  

 Seera sagaleen  Afaan Oromoo itti barreefamu

Seera sagaleeAfaan Oromoo itti barreessinu keessaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne; Seera sagalee dheeraa, gabaabaa, laafaa, jabaa, dheeraa-laafaa, gabaabaa-laafaa, dheeraa-jabaa, gabaabaa-jabaa, irra butaa, hudhaa fi kkf akka armaan gadiitti laaluuf jiraanna. Garuu san duratti qabattee armaan gadii keessa sagalee dheeraa fi gabaabaa dubbachiiftuu shanan waliin qidaaye hubachuuf haa yaalluu.

Sagalee gabaabaa
a e i o u
ba be bi bo bu
ca ce ci co cu
cha che chi cho chu
da de di do du
dha dhe dhi dho dhu
fa fe fi fo fu
ga ge gi go gu
ha he hi ho hu
ja je ji jo ju
ka ke ki ko ku
la le li lo lu
ma me mi mo mu
na ne ni no nu
nya nye nyi nyo nyu
pa pe pi po pu
pha phe phi pho phu
qa qe qi qo qu
ra re ri ro ru
sa se si so su
sha she shi sho shu
ta te ti to tu
va ve vi vo vu
wa we wi wo wu
xa xe xi xo xu
ya ye yi yo yu
za ze zi zo zu
         

                   

Sagalee dheeraa
aa ee ii oo uu
baa bee bii boo buu
caa cee cii coo cuu
chaa chee chii choo chuu
daa dee dii doo duu
dhaa dhee dhii dhoo dhuu
faa fee fii foo fuu
gaa gee gii goo guu
haa hee hii hoo huu
jaa jee jii joo juu
kaa kee kii koo kuu
laa lee lii loo luu
maa mee mii moo muu
naa nee nii noo nuu
nyaa nyee nyii nyoo nyuu
paa pee pii poo puu
phaa phee phii phoo phuu
qaa qee qii qoo quu
raa ree rii roo ruu
saa see sii soo suu
shaa shee shii sho shu
taa tee tii too tuu
vaa vee vii voo vuu
waa wee wii woo wuu
xaa xee xii xoo xuu
yaa yee yii yoo yuu
zaa zee zii zoo zuu
         

A.   Seera sagalee dheeraa fi gabaabaan itti barreeffamu

 Afaan Oromoo kessatti sagalee dheeressuu fi gabaabsuuf qubee dubbachiiftuutti fayyadamna. Yeroo jecha tokko keessatti qubee dubbachiiftuun gosa tokkoo lama taatee walitti aantee katabamtu, dubbachiiftuun suni sagalee dheertuu uumti. Yoo dubbachiiftuun suni takka duwwaa taate garuu, sagalee san keessatti dubbachiiftuun sun gabaabaa taatee dubbifatmti.

Fakkeenyaaf:

Sagalee dheeraa  baaduu  laafaa  gaadii  aalaa
Sagalee gabaabaa  Lafa   bona  buna  muka

B.    Seera sagalee jabaa fi laafaa

Hubadhu:

      1.  Seera barreeffama qubee Afaan Oromoo keessatti, jecha tokko yemmuu barreessinu jalqabarratti yeroo hundaa qubee dubbifamaa gosa tokkoo lama walitti aansinee barreessuun hin dandayamu (hin barreeffamu). 

 Fakkeenyaaf:

 llafa   ddhama“d” fi “dh” n walitti aanuu hin qabu  mmormuu

 2. Seera qubee Afaan Oromoo keessatti jechi tokko qubee dubbifamaa gosa tokkoo lama walitti aanee dhuma irratti hin barreeffamu.

 Fakkeenyaaf:

   Asitt  jarr  gann

  Afaan Oromoo keessatti sagalee tokko jabeessuu fi laaffisuu kan danda’amu qubee dubbifamaatti fayyadamuudhaani. Sagalee tokko jabeessuuf jecha tokko keessatti qubee dubbiffamaa gosa tokkoo lama wallitti aansinee katabna. Sagalee tokko laaffisuudhaaf ammoo, dubbifamaa gosa tokkoo lama wallitti aansinee yoo barreessuu baanne sagaleen sun laafaa jedhama.

  Fakkeenyaaf:

 Sagalee Laafaa  alaabaa  ala  mana  saree
 Sagalee jabaa  hattuu  duwwaa  callaa  ganna

 C- Seera sagaleen altokkotti dheeratee laafaa

Afaan Oromoo keessatti, sagaleen tokko altokkotti dheeressinee laaffisuu  kan dandeennu, qubee dubbachiiftuutti fayyadamuudhaani. Yoo jecha tokko keessatti qubeen dubbachiiftuun gosa takkaa lama walitti aantee fi qubeen dubbifamaan gosa tokkoo lama kan walitti aane keessa jiraachuu baate(hin jirre) sagaleen sun dheeratee laafaa taha jechuudha.

 Fakkeenyaaf:

sagalee altokkotti dheeratee laafaa
laa + luu = laaluu boo + nuu = boonuu
caa + lii = caalii faa + ruu = faaruu
suu + fii = suufii duu + ba = duuba

 D- Seera sagaleen altokkotti dheeratee jabaatu

Afaan Oromoo keessatti sagalee tokko jabeessinee dheeressuu kan dandeennu dubbifamaa fi dubbachiiftuutti fayyadamuudhaani. Kana jechuunis jecha tokko keessatti altokko dubbifamaan gosa tokkoo  lamaa fi dubbachiiftuun gosa tokkoo lama yoo waliiti aanee barreeffame sagaleen sun dheeratee jabaata jechuudha..

 Fakkeenyaaf:

Sagalee dheeratee jabaatu
faa + llaa = faallaa Faa + jjii = faajjii
ha + ttuu = hattuu muu + xxee = muuxxee
faa + ggaa = faaggaa goo + lloo = goolloo
Go + wwaa = gowwaa Gaa + mmee = gaammee

 E- Seera sagalee altokkotti gabaabatee laafu

 Afaan Oromoo keessatti sagaleen altokkotti gabaabatee laafaa tahuu kan dandahu, dubbachiiftuu fi dubbifamaatti dhimma bahuudhaani. Kana jechuunis yoo jecha tokko keessatti dubbachiiftuun gosa tokkoo lama walitti aantee barreeffamuu baatte( hin barreeffamne) fi dubbifamaan gosa tokkoo lama walitti aanee yoo barreeffamuu dhabeedha.

Yookaan dubbifamaa tokkoo fi dubbachiiftuu tokkotti yoo dhimma baaneedha.

 Fakkeenyaaf:

Sagalee gabaabaa laafaa
la + fa = lafa  la + ma = lama
dhu + ma = dhuma sa + di = sadi
ku + ma =  kuma dha + ma = dhama
   

 F- Sagalee gabaabatee jabaatu

 Afaan Oromoo keessatti sagaleen tokko gabaabatee jabaatuu kan dandahu, dubbachiiftuu fi dubbifamaatti dhimma baanee yoo jecha tokko keessatti, sagaleen dheerachuu baatee(dubbachiiftuu gosa takkaa lama walitti aansinee yoo hin barreessine)ykn gabaabsinee fi  duubbifamaan gosa tokkoo lama walitti aansinee yoo barreessine(yoo jabeessine) sagaleen sun sagalee gabaabatee jabaatu jedhama.

Sagalee gabaabatee jabaatu
ji + bba = jibba “bba” qubee gosa tokkoo dubbifamaa lamaa fi dubbachiiftuu takka walitti aanee barreeffame  ga + nna = ganna
ha + nna = hanna dhi + mma = dhiimma
mu + cha = muchahubadhu: sagaleen “cha” yeroo dubbifnu ni jabaatti. go + cha = gocha

 G. Seera sagalee irra butaa itti barreessinu

Afaan Oromoo keessatti sagalee irra butaa barreessuudhaaf dubbifamaatti fayyadamna. Sagalee irra butaa kan jennuun, yoo dubbifamaan gosa garaagaraa lama walitti aanee barreeffameedha. Qubee cimdiidhaan alatti jechuudha (qubee cimdii akka qubee tokkootti waan fayyadamnuuf jacha).

 Fakkeenyaaf:

Sagalee Irra butaa
ab + dii = abdii “b” fi “d” qubee gosa adda addaa lamatu walitti aanee barreeffame jechaadha. far + da = farda “r” fi “d” qubee gosa adda addaa lamatu walitti aanee barreeffame jechaadha.
 gan + da = ganda  hum + na = humna
har + dha = hardhahub: qubee “dh” akka qubee tokkootti waan itti fayyadamnuuf jecha.  bur + qaa = burqaasagaleen kun irra butaa tahee dheerata jechuudha.

 H- Seera Hudhaa/laagee ( ‘ ) itti fayyadamnu

Seera qubee Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun lamaa ol walitti aananii hin barreeffaman. Haatahu malee, bakka dubbifamaan hin jirretti dubbachiiftuun sadi ykn afur taatee yoo walitti aantee dhufte hudhaa /laagee/( ‘ )  gidduutti godhuudhaan itti fayyadamna. Kana jechuunis, bakka hafuurri citee dubbifamaan hafutti  Laagee/hudhaa/( ‘ )  galchina jechuudha. Yookaan sagaleen yemmuu walitti ida’amu inni gama tokkoon itti dabalamu yoo dubbachiiftuu qofa tahe laagee gidduutti galchina.

 Fakkeenyaaf:

Jechoota hudhaa/laagee/( ‘ ) of keessaa qaban
Re + ee = re’eeDubbachiiftuun sadi altokko walitti aantee waan dhufteef Fe + e = fe’eYeroo  dubbifnu sagalee “fe” fi “e” jidduutti sagaleen waan cituuf jecha.
Du + uu = du’uuDubbachiiftuun sadi walfaana waan barreeffamuu hin dandeenyeef Taa + uu = taa’uu
To + to +rra + uu= totorra’uu Har + a = har’a

  Seera fayyadama qubee gurguddaa fi xixiqqaa

 Afaan Oromo kessatti kan qube gurguddaadhaan bareefamu:

jalqabni sagalee:  maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa guyyaa fi akkasumas

         Jalqabni dhaabii dubbii -> kan tuqa (.) booddee dhufu hundaa.

          Kan kana irraa hafan hunduu qube xixiqqaadhaan barreeffamu.

         Fkf 1. Maqaa namaa:

         1- Abdii, Obsaa, Gammadaa, Caaltuu….fi  k.k.f.

         2. Maqaa ummattaa: – Oromoo,Boorana , Baarentuu,…….fi k.k.f.

         3. Maqaa biyyaa: – Oromiyaa, Jaappaan, Ameerikaa, Jarman….fi k.k.f.

         4. Maqaa lafaa:

          a) maqaa tuluu: – Baatuu, Gaara Mul’ataa, Cilaaloo k.k.f.

          b) maqaa lagaa: – Haawaash, Gannaalee, Gibee, Dhidheessaa…fi k.k.f.

          c) maqaa magaalaa: – Adaamaa, Bushooftuu, Finfinnee, Amboo, Dirre Dawaa …fi k.k.f.

          d) maqaa gandaa: – Salaalee, Jiddaa, Hoolota, ….fi  k.k.f.

                                        5. Maqaa baatii (ji’aa)

  Maqaa ji’aa(baatii)Afaan Oromootiin  Maqaa ji’aa(baatii)Afaan Ingiliiziitiin
1.      Amajjii 1. January 
2.  Gurraandhala 2.February 
3.  Bitootessa  3.  March
4.      Caamsa  4. April
5.      Ebla   5. May
6.      Waxabajjii  6.  Jun
7.      Adoolessa  7. July
8.      Hagayya  8. August
9.      Fulbaana   9.  September
10.  Onkololeessa  10. Oktober
11.  Sadaasa  11. November
12.  Muddee 12. December

              6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa torbanii):

Maqaa guyyaaAfaan Oromootiin  Maqaa guyyaaAfaan Ingiliiziitiin 
1.      Wiixata, Dafinoo, Hojja-duree, Isniina  1.      Monday
2.      Kiibxata, Lammaffoo, Facaasaa, Balloo, Salaasaa  2.  Tuesday
3.  Roobii(Arbii, Harbaa) 3.  Wednesday
4.  Kamisa(Kamsaa) 4.  Thursday
5.  Jimaata(Jum’aa) 5.  Friday
6.  Sambata( Sambata xiqqaa, Sambata duraa, Sabtii) 6.  Satarday
7.  Dilbata( Sambata guddaa, Gidir-sambata, Alhada) 7.  Sunday

 

Comments

  1. Baayyee nama gargaara.Itti fufaa isin duukaa jirra!jabaadhaa!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: